Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya jiru fayyadamuun “Maaddii Guutuu” dhugoomsuuf hirmaachuu qabna-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)- Qabeenyaa jiru fayyadamuun duula “Maaddii Guutuu” dhugoomsuuf hirmaachuu qabna jechuun Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waamicha dhiyeessan.

Sagantaan beeksisa “Maaddii Guutuu” Godina Guraagee Aanaa Masqaanitti gaggeeffameera.

Obbo Dammaqaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, sagantaan biyyaalessaa Magaalaa Arbaamincitti eegalame naannawaalee birootti akka babal’atuuf hojjetamaa jira jedhan.

Dabalataanis “Maaddii Guutuun” ummata Ityoophiyaaf haaraa akka hintaanee ibsuun, eebbaa aadaanis kan beekamu ta’uu kaasnaiiru.

Nyaanni madaalawaan dhaloota fayyaan isaa eegame horachuu qabna kan jedhan Obbo Dammaqaan, qabeenya naannawaa jiru fayyadamuun “Maaddi Guutuu” taasisuuf hirmaachuu qabna jedhaniiru.

Mintasinoot Muluugeetaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3fjfcxr

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.