Qabeenya Birrii biiliyoona 7.8’tti tilmaamamu balaawwan qaqqabanirraa baraarameera-Komishinicha
Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC)- Baatiiwwaan ja’an darban balaa qaqqabaniin manca’uuf kan ture qabeenya Birrii biiliyoona 7.8’tti tilmaamamu baraaruun akka danda’ame Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti balaawwan 244 qaqqaban keessaa, 144 balaawwan ibiddaa yoo ta’an 100 balaawwan tasaa mudatan ta’uu komishinichi beeksiseera
Balaa qaqqabe to’achuuf hojjettoota yeroo balaa hirmaachisuun, lubbuun namoota 19 baraaruu fi qabeenya Birrii biiliyoona 7.8’tti tilmaamamu mancaatiirraa baraaruun akka danda’ame ibseera.
Balaa mudataniin namoota 81 irra miidhaan cimaa fi salphaan ga’uu, qabeenyi Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 70’tti tilmaamamu manca’uu beeksiseera.
Balaawwan garaagaraa fi hinbeekamneen ammoo lubbuun namoota 46 darbuu eereera.
Balaawwan Magalaattii fi naannawaa isheetti mudatan hanqina eeggannoon ta’uu kan ibse koomishinichi, hawaasni gorsa eeggannoo fi akeekkachiisaa komishinicharraa yeroo garaagaraatti darban hojiirra oolchuun balaawwan dursanii akka ittisan hubachiisuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia