Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii qorannoo sodaa biyyaaleessaa xiyyeeffaterratti gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Qaamoolee raawwii misooma daandii fi riqichaa bara 2012 keessatti qooda olaanaa ba’aniif beekkamtiin laatame.
 
Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa guyyaa kaleessaa qaamolee ijaarsa daandii fi riqichaa bara 2012 keessatti raawwii fooyya’aa galmeessisaniif beekkamtii laatera.
 
Bara bajataa 2012 walii gala daandii suphamuuf karoorfame Kiiloo Meetira kuma 5 fi 953 ol keessaa daandiin Kiiloo Meetirri kumni 5 fi 927 suphamuu ibsameera.
 
 
Kontiraakterootaa fi gorsitoota akkasumas qaamoolee qooda fudhatan hundaaf beekkamtiin laatamuu daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa Injinar Dajanee Fiqaaduu ibsaniiru.
 
Qaamoolee haala rakkisaa ture keessatti karooraan olitti raawwii gaarii galmeessisan kanneen galateeffataniiru.
 
Ummanni proojektiiwwan hojjetamanii xumuraman kanneen kunuunfachuu akka qaban dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.