Fana: At a Speed of Life!

Qaamoolee qorannoo vaayrasii koroonaa namoota miiliyoona 1 ol ta’aniif akka taasifamuuf shooraa isaanii bahaan na galateeffadha- Dr. Abiy

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qorannoo vaayrasii koroonaa dabaluun tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf, odeeffannoo biyyaalessaa argachuuf, akka biyyaatti duula baatii 1f ture gaggeessuun keenya ni yaadatama jedhan.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniitin akka beeksisanitti, duulichan qaamoolee namoonni miiliyoona 1 ol akka qorataman taasisan galateeffataniiru.

Ityoophiyaanonni hundi ayyaana bara haaraa dhufaa jiru wayita kabajnu tarkaanfiiwwan ofeeggannoof jabeessine akka itti fufnuu hubachiisaniiru.

Barri 2013 kan kana caalu nurraa eega waan ta’eef fayyaa keenya eeggachuudhaan qorumsicha haa injifannus dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.