Fana: At a Speed of Life!

Qaamoolee oomisha dhoksanirrattis tarkaanfiin ni fudhatama-BKO

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC)- Qaal’iinsa gabaa mudateen walqabtee qaamolee oomisha dhoksanirrattis tarkaanfiin akka fudhatamu Biiroon Komiinikeeshinii Oromiyaa beeksiseera.

Biirichi dhimmicha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ibsicha kan kennan Hogganaan biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa qaal’iinsa gabaa mudate furuuf karaa yuuniyoonotaa fi waldaalee hojii gamtaan oomishaaleen dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Wayita mootummaan qaala’iinsa gabaa furuuf hojjechaa jirutti qaamoole oomisha dhoksaanirrattis tarkaanfiin akka fudhatamu himaniiru.

Dabaluu gatii midhaan nyaataan walqabatee hanqinni oomisha jiraatee osoo hintaanee shira dinagdee qaamota tokko tokkoon uumame akka ta’e ibsaniiru.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.