Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen qooda fudhattootaa ajandaalee adda baasuu xumuran

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) –Boqonnaan marii Komishiniin Maree Biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jiru har’a oolmaa guyyaa 6ffaan itti fufeera.

Qaamoleen Qooda fudhattootaa shananii kaleessaa fi har’a waaree dura yaada ajandaa adda baasuu gareen ta’uun qindeessaa fi gurmeessaa turuu ibsameera.

Ajandaa qindeessanii fi gurmeessan qaboo yaa’iin qopheessuun qaamolee dhuunfaa yaa’ii waliigalarratti dhiyeessan filataniiru.

Sagantaa kana booda jiraatuun bakka buutoonni qooda fudhattootaa kunneen ajandaawwan hunda waloon ta’uun barbaachisuummaa fi bakka bu’ummaa tilmaama keessa galchuun akaakuun ni gurmeessu jedhame.

Guyyaa boruu ajandaa akaakuun gurmeessan ajandaa magaalaa Finfinnee ta’ee Yaa’ii waliigalaaf erga dhiyaatee booda bakka qooda fudhattoonni hundi argamanitti waltajjiin marii kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Komishinii maree biyyaalessaarraa argame nimul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.