Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen naannoo Tigraayitti deeggrsi namoomaa dhiyaachaa hin jiru jechaa jiran bu’aa siyaasaa aegachuufi – Dooktar Muluu Naggaa

Finfinnee ,Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Qaamoleen naannoo Tigraayitti deeggrsi namoomaa dhiyaachaa hin jiru jechaa jiran bu’aa siyaasaa argachuuf ta’uu bulchaa olaanaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaan dubbatan.
Mootummaan Federaal naannichatti deeggarsa namoomaa cimaa ta’ee taasiisaaa jiraachuu ibsaniiru.
Dooktar Muluun bulchiinsi yerichaa wayita hojii eegalu lammiileef deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu dursa laateeti jedhan.
Yaa ta’uutii deeggarsi namoomaa saffisa barbaadamuun akka hin qaqqabneef gareen badii gufuu ta’ee turuu ibsaniiru.
Gareen badichaa konkolaattoota fe’umsaa hedduu barbadeessuu fi kaneen hafan ammOo fudhatee baduu eeraniiru.
Wayita qonnaan bulaan oomisha isaa sassaabbatuutti jeequmsi kun uumamuun rakkicha daraan hammeesseera jedhan.
Sababa garee badichaan ummanni naannichaa ifaa fi bishaan malee turuun rakkoo hammaataaf saaxiluu ibsan.
Mootummaan federaalaa fi bulchiinsi yeroo rakkicha furuuf murannoon hojjechaa jiraachuu Dooktar Muluun ibsaniiru.
Naannoo Tigraayitti deeggrsi namoomaa dhiyaachaa hin jiru jechuun odeeffannoon tatamsaa’aa jiru haqarraa kan fagaateedha jedhan.
Qaamoleen deeggarsi dhiyaachaa hin jiru jechuun odeeffannoo sobaa tatamsaasaa jiran qaamolee bu’aa siyaasaa argachuu barbaadaniidha jedhan.
Naannoo Tigraay deebisanii dhaabuuf lammiileen Ityoophiyaa hundi qooda isaanii akka ba’an Dooktar Muluun waamicha dhiyaaweessaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.