Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen garaagaraa lammiilee miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 8 fi kuma dhibba 5 ol taasisan

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Qaamoleen garaagaraa lammiilee sababa hongee fi waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 8 fi kuma dhibba 5 ol taasisan.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Awustaraaliyaa Lixaa jiraatanii fi Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa lammiilee sababa hongee fi waraanaan miidhamaniif deeggarsa taasisaniiru.

Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa naannoo Oromiyaaf miiliyoona 2, Somaaleef  miiliyoona 1 akkasumas naannoo uummattoota kibbaaf miiliyoona deeggarsa taasiseera.

Deeggarsicha preezdaantiin Federeeshinichaa Atileet Daraartuu Tulluu fi koreen hojii raawwachiistuu federeechinichaa bakka bu’oota naannoleef dabarsanii kennaniiru.

Gama biraatiin Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Lixa Awustaraaliyaa jiraatan lammiilee sababa waraanaa miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 5tti shallagamu taasisaniiru.

Kadir Mahaammadtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.