Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen damee Geejjibarratti bobba’an tajaajila tola Ooltummarratti akka hirmaatan gaafataman

Finfinnee, Adoolessa 8, 2016 (FBC)- Qaamoleen damee Geejjibarratti bobba’an tajaajila tola Ooltummarratti hirmaachuun dirqamaa lammummaa akka bahatan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen gaafatan.

Dooktar Alamuu Simeen mana barnoota sadarkaa jalqabaa Waldaa ‘Sagalee Konkolaachistoota Tola Ooltoota “jedhamuu baasii Birrii miiliyoona 75’n magaalaa Mojootti ijaarsisuuf dhagaa bu’uura kaa’aniiru.

Dooktar Alamuun wayita kanatti haasawaa taasisaaniin, Waldaaleen Konkolaachistoota fi Konkolattotaa tajaajila geejjibaa kennuun dabalataa tajaajila tola Ooltummaarratti hirmaachuun dirqama lammummaa isaanii bahachuu qabu jedhan.

Mootummaan Damee Geejjibaa ammayyeessuufi tajaajila Si’ataa kennuuf hojiilee riifoormii garaagaraa hojiiraa oolchaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.