Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee seeraan alaa sharafa maallaqa  alaarratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Qaamolee karaa seeraan sharafa maallaqa biyyoota alaarratti bobba’an irratti tarkaanfiin qorannoo irratti hundaa’e fudhatamuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilichi Poolisii federaalaafi naannoo Oromiyaa waliin qindaa’uun namoota dhuunfaafi dhaabbilee karaa seeraan alaa sharafa maallaqa biyyoota alaarratti bobba’an irratti tarkaanfii qorannoorratti bu’uureffate fudhachuu ibseera.

Tajaajilichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen, baatiiwwan lamaan darbanitti sharafa maallaqa biyyoota alaa karaa seeraan alaa gaggeeffamurratti qorannoo gadi fagoon taasifamaa turuu eereera.

Rakkichi qorannoon erga adda baafamee booda odeeffannoofi ragaalee argaman bu’uura godhachuun hordoffii taasifameen namoota gochaa sharafa maallaqa seeraan alaa irratti hirmaatan 48, maallaqoota biyyoota alaa hedduu akkasumas lakkoofsota herregaafi sanadoota addaa addaa to’annaa jala oolchuun danda’amuu ibseera.

Namoonni dhuunfaa to’annoo jala oolan warreen gatii sharafa alaa tilmaaman, walitti qabaniifi warreen walitti kan kan bobbaasan ta’uu ibsi tajaajilichaa ni addeessa.

Gocha seeraan alaa kana dhaabbilee garaagaraa eeyyama daldalaa seera qabeessa daheeffachuun raawwachaa turuu yadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.