Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee qajeelfamaa gurgurtaa fi raabsa Simmintoo hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin ni fudhatama – Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa qaamolee qajeelfamaa gurgurtaa fi raabsa Simmintoo hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin kan fudhatu ta’uu beeksiise.
Qajeelfamnii Gurgurtaa fi Raabsa Simmintoo lakkoofsi 908/2014 Adoolessa 5, 2014 eegalee hojiirra oolus sababa gatii raabsaa fi gurgurtaan Simmintoon fayyadamtootaaf qaqqabaa kan hin jirre ta’uu ministeerichi ibseera.
Hordofii taasiifameen qajeelfamichaan ala Simmintoon Warshaalee keessaa ba’uun kuusawwan garaagaraa fi iddoolee gurgurtaa adda addaa keessatti kan argamu ta’uu mirkanaa’uu himeera.
Haa ta’uutii naannolee fi bulchiinsi magaalootaa dhaabbilee nageenyaa fi garee sirna gurgurtaa simmintoo to’atu waliin hojjechuun qaamolee qajeelfamaa ala hojjetanirratti tarkaanfii kan fudhatan ta’uu ministeerichi hubachiiseera.
Simmintootaan fayyadamtoota bira akka qaqqabu, qaamoleen Raabsaaf filataman ariitiin oomishicha Warshaaleerraa fudhachuun yeroo jedhamee fi gatii kaa’ameen akka dhiyeessan yaadachiiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.