Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee nageenya booreessuuf socho’anirratti tarkaanfii fudhachuuf mootummaan ga’umsa amansiisarratti argama – TKM

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Qaamolee nageenya booreessuuf socho’anirratti tarkaanfii fudhachuuf mootummaan ga’umsa amansiisarratti kan argamu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeeshinii waliin taasiisaniin, mootummaan Qaamolee nageenya booreessuuf socho’anirratti tarkaanfii fudhachuuf ga’umsa amansiisarratti kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Magaaloota gurguddoo keessatti mootummaan hawaasa waliin marii hedduu taasiisuu eeruun, saamichi gurmuun raawwatamu, ajjeechaa, buqqaatii fi haalli nageenyaa hawaasaaf sodaa olaanaa ta’uu ummanni marichaan kaasuu himaniiru.

Mootummaan rakkoolee kanneen furuuf federaalaa hanga naannootti bifa qindaa’een magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii hunda keessatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa jiraachuu Dooktar Laggaseen ibsaniiru.

Mootummaan rakkoo caasaa nageenyaa keessatti mul’atu furuuf qofa osoo hin taane qocholaa qaama kamiiyyuurraa aggaamamu hunda qolachuuf ga’umsa amansiisaa fi humna guutuu qabaachuu himaniiru.

Kanaafis ummanni shakkii keessa galuu akka hin qabne Dooktar Laggasaa Tulluu hubachiisaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.