Qaamolee daba diinagdeen qaala’iinsa jireenyaa saffisiisaniif mootummaan obsa hin qabu jedhame
Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Qaamolee oomishaalee gara gabaatti dhiyaachuu qaban dhoksanii fi sharafa maallaqa alaa seeraan ala sharafuun qaala’iinsa jireenyaa saffisiisaniif mootummaan obsa kan hin qabne ta’uu gorsaan diinagdee Muummee Ministiraa obbo Maammoo Mihiratuu ibsan.
Qaamolee karaa seeraan alaa maallaqa biyyoota alaa sharafanii fi warreen oomishaalee alatti ergamanii sharafa alaa argamsiisuu danda’an dhoksanii irratti tarkaanfii fudhachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Uummanni eeruu kennuun deeggarsa taasisuu akka qabu gaafataniiru.
Mootummaan yeroo ammaa qaama yakkoota kanneen irratti bobba’aniif obsa kan hin qabne ta’uu eeraniiru.
Duulli birmadummaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramee haala duraatti deebi’uu fi qaala’iinsi jireenyaa akka hin hammaanneef mootummaan tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Duulli birmadummaa akka milkaa’uuf lammiin hundi ga’ee isaa ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.
Amalawarq Damisootu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
arsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.