Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee Ayyaanonni milkaa’inaan akka xumuramaniif gahee olaanaa ba’ataniif beekamtiin kenname

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaamolee Ayyaanonni milkaa’inaan akka xumuramaniif gahee olaanaa ba’ataniif beekamtiin kenne.

Bulchiinsi magaalichaa Abbootii Gadaaf, dhaabbilee amantaaleefi qaamolee nageenyaaf beekamtii kenneera.

Nageenya jaallachuu uummata Ityoophiyaan ayyaanonni uummataa haala rakkisaa keessa taanee yeroo kamiyyuu caalaatti haala milkaa’aa ta’een kabajameera jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen.

Ayyaanonni uummataa kunneen garaagarummaa tokko malee hundi ayyaanota keenyadha jechuun hundi gahee isaa bahachuun haala maqaa gaarii biyyatti itti guddateen kabajamuu eeraniiru.

Ayyaanichi uummata biyyattii nageenya jaallatuun, qaamolee nageenyaan, abbootii amantaan, abbootii gadaaniifi qindoomina hoggansa sadarkaan jiruun milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.

Ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf qaamolee gahee isaanii bahatan hunda galateeffachuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.