Fana: At a Speed of Life!

Qaamni hundi gaaga’ama Yuukreenii qabanneessuuf gochawwan waldhabdicha hammeessanirraa of qusachuu qabu – MM Abiy Ahimad

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti uumame qabanneessuuf qaamoleen hundi gochaa walitti bu’iinsa babal’isanirraa of qusachuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaafatan.
Ityoophiyaan waraana dhiyeenya keessa dabarsiterraa ka’uun waa’ee miidhaa waraanaa muuxannoo hedduu qabaachuu Muummeen Ministiraa FDR Abiy Ahimad ibsaniiru.
Akkaataa Muuxxannoo Ityoophiyaan, Waraanni maatii, hawaasaa fi diinagdee biyyaa kan miidhu jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Miidhaa qabeenyaa waraanni qaqqabsiisu suphuun danda’amus godaannisni inni hawaasarraatti kaa’ee darbu garuu daraan hamaa fi haquuf ulfaatadha jedhan Ibsa haala Waqtaawaa Yuukreenii fi Raashiyaa ilaalchisee baasaniin.
Ityoophiyaan dhimma Yuukreen itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu kaasuun, gochawwan rakkicha hammeessaan adeemaa jiru kan isaan yaaddesse ta’uu ibsaniiru.
Qaamni hundi gochawwan waldhabdicha hammeessanirraa of qusachuun, rakkicha furuuf daandiwwan nageenyaa fayyadamuu akka qaban gaafataniiru.
MM Abiy Ahimad naannichatti nagaan akka bu’u hawwii qabaachuu kaasaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.