Fana: At a Speed of Life!

Qaamni amanti bu’uura godhachuun miidhaa qaqqaabsiisu kamuu fudhatama hin qabu – Preezdaanti Saahilawarq

Finfinnee, Muddee 12, 2012 (FBC) – Preezdaanti Saahilwarq Zawdeen miidhaan mana amantaarratti raawwatamu kamuu fudhatama hinqabu jedhan.

Preezdaanti Saahilwarq kana kan jedhaan guyyaa kabaja HIV/AIDES akka biyyaalessaa har’a magaalaa Samaraatti kabajamerrattidha.

Biyyattiin daandii jijjiiramaarra kan jirtu ta’uun, qaamoleen jijjiiramicha gufachiisuu barbaadaan bakkeewwaan tokko tokkootti jeequmsa uumaa turaniiru jedhan.

Preezdaanti Saahilwarq Ityoophiyaa gara daandii guddinaatti kan geessuu wantoonni abdii namaaf kennaan hedduudha jedhan.

Rakkinoota akka biyyaatti nu mudatan darbuun sadarkaa barbaadamurratt ga’uuf hunduu ga’ee isaa ba’achuu qaba jechun dubbataniiru.

Ityoophiyaan biyyaa sabaa fi sablamootaa akkasumaas amantii hedduu qabdu baroota dheeraaf waliin jiraacha kan turan yoo ta’u, qaamni sabaa fi amantii bu’uura godhachuun miidha qaqqabsiisu fudhatama hin qabu jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.