Fana: At a Speed of Life!

Qaammeen 1, Guyyaan Ce’umsaa Gola Hambaa Saayinsiitti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Qaammeen 1, Guyyaan Ce’umsaa mata duree “Hambaalee ce’umsaa, Horata ifa haaraa”jedhuun Gola Hambaa Saayinsiitti kabajamaa jira.

Guyyichi Itiyoophiyaa ceesisuuf tattaaffiiwwan taasiifaman, bu’aa galmaa’anii fi guffuuwwan adeemsicha mudataniin yaadatamaa jira.

Piroojektii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa dabalatee Qonni, Indaastirii fi Turizimiin dameewwan injifannoo galmeessan mallattoo ce’umsaa ta’aniidha jedham.

Sagantichaan qaamolee fi dhaabbilee ce’umsaaf gumaacha olaanaa taasiisanii fi mallattoo ce’umsaa ta’aniif beekamtiin ni kennama jedhame.

Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaa, Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahii fi Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi keessummoonni waamicha taasiifameef saganticharratti argamuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.