Fana: At a Speed of Life!

Qaammee 1, Guyyaa Ce’umsaa ta’uun kabajamee oola

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)- Mata duree “Tattaaffiiwwan ce’umsaan waqtiiwwan ifaa haaraa” jedhuun Qaammee 1, Guyyaan Ce’umsaa kabajamee akka ooluu ibsame.

Ministirri Ministeeraa Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan guyyicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, guyyaan ce’umsaa, Itiyoophiyaa ceessisuuf tattaaffiiwwan taasifaman, milkaa’inaalee argamanii fi gufuulee adeemsicha keessaa mudatan kan itti yaadatamaniidha jedhan.

Itiyoophiyaa ceesisuuf milkaa’inaaleen humna olaanaa uumaan dameewwan hundaan galmaa’anillee, dameewwan qonnaa, indaastirii, tuuriizimii fi Hidhaa Guddicha Haaoromsa Itiyoophiyaa irratti injifannoowwan galmaa’an guyyichaaf “Mallattoolee Ce’eumsaa” ta’uun kan filaman ta’uu beeksisaniiru.

Damee qonnaaf xiyyeeffannaa kennameen qamadii sharafa alaan biyya alaarraa waggoota dheeraaf gala ture hambisuun danda’amuun mallattoo ce’umsaa keessaa tokko jedhan.

Karooraa fi inisheetiivota hojiirra oolaniin oomishtummaan qamadii waggaatti kuntaala miiliyoona 50 irraa gara miiliyoona 230’tti ce’uu himan.

Damee indaastiriinis oomishaalee alarraa galan biyya keessatti omishuun bakka buusuuf hojiilee hojjetamaniin meeshaalee bakka bu’an Doolaara biiliyoona 2’tti tilmaamaman oomishuun akka danda’amee fi warshaalee hedduunis deebi’anii hojii eegaluu kaasan.

Dameen tuuriizimiinis waggicha keessa damee humnoota diinagdee qabatamaan jijjiiruu danda’e akka ta’uu Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.

Bakkeewwan hawwata tuuriizimii dhokatanii turan faayidaa diinagdee akka argamsiisaniif sochii pirojektii “Maaddii Biyyaaf” jedhuun taasifameen bakkeewwan turan haaressuu fi sadarkaa isaanii guddisuun mallattoo ce’umsaa milkaa’ina galmeessan keessa ta’uu dubbataniiru.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa, waggicha keessaa guutiinsa bishaanii gaggeeffame dabalatee tarbaayinoonni dabalataa lama humna akka maddisiisan taasifamuu himanii, dameewwan mallatoolee ce’umsaa ta’uun akka fakkeenyaatti eeraman deeggarsa ummataan kan argaman waan ta’eef guyyaa galateeffannaa ta’uus akeekaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.