Fana: At a Speed of Life!

Qaama imala gara biyyaa kan ta’e affeerraan irbaataa masaraa mootummaatti qophaa’e

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Qaama Imala gara biyyaa kan ta’e affeerraan irbaataa masaraa mootummaatti qophaa’uu ibsame.

waldaaleen diyaaspooraa afur imbaasii Ityoophiyaa Washingitanitti argamuu fi Ejensii diyaaspooraa waliin ta’uun qaama imala gara biyyaa kan ta’e sagantaa affeerraa irbaataa qopheessaniiru.

Saganticharratti aanga’oonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamichi taasifameef kan argaman ta’uu fi galiin irraa argamus lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Affeerraa irbaataa Amajjii 8, 2014 gaggeeffamu kanaan teessoo qeenxeen Doolaara kuma 1, VIPiin Doolaara kuma 2 fi teessoon 10 Doolaara kuma 9 ta’uu eerameera.

Warren ispoonsera gochuu barbaadaniif ispoonsarri sadarkaa 1ffaan Doolaara kuma 20, sadakaa 2ffaan Doolaara kuma 15 fi sadarkaa 3ffaan Doolaara kuma 10 ta’uu ibsameera.

Sagantaa kanarratti dhuunfaanis ta’e gareen hirmaachuu warren barbaadan gama marsaritii eyezonethiopia.com tikeettii bitachuu kan danda’an ta’uu ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.