Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsi gara %23tti hir’ateera-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaatti qaal’iinsi gatii bara darbee %30 ture barana gara %23’tti gadi hir’achuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad qaala’iinsa gatii Itiyoophiyaatti mul’atu ilaalchisuun ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kannaniin, dhimmi qaala’iinsaa ajandaa biyyoota addunyaa ta’uu kaasan.

Dhiibbaa qaala’iinsaa jireenyaa hir’isuuf mootummaan inisheetiiviiwwan hedduu bocuun hojjechaa jiraachuu ibsanii, keessumaa hojiileen inisheetiivii Maadii Guutuun hojjetamaan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf gumaacha taasisuu ibsaniiru.

Kana malees, oomishtummaa guddisuun bu’aaleen argamaa jiran qaala’iinsi jireenyaa akka hir’atu taasisuu keessatti gumaachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan oomishi midhaanii kan bara darbeerra kuntaala miiliyoona 100 caalmaa qabu walitti qabuun akka danda’ame dubbataniiru.

Dabalataan mootummaan shaqaxoonni bu’uuraa Birrii biiliyoona 10 qaraxarraa bilisa akka galaan taasisuu ibsanii, kunis dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa lammiilee salphisuuf gumaachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan bara darbe qaala’iinsa gatii %30 turee gara %23tti gadi hir’isuun akka danda’me akeekaniiru.

Kun gahaa ta’uu baatus fuulduratti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran qaala’iinsaa biyyattitti mul’atuu tasgabbeesuuf ni gumaachaan kan eegamu ta’uu hubachisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.