Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa oomishaalee bu’uuraa ittisuuf hojjetamaa akka jiru ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)-Simannaa Bara haaraa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii fi qaala’iinsa gatii oomishaalee bu’uuraa ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Tashaalee Ballihuu ibsa kennaniin, fedhii fi dhiyeessiin walmadaaluu dhabuu, daddabarsi shaqaxootaa keellaarratti ugguramuu, rakkoo nageenyaa fi daballiin gatii gabaa addunyaa sababa qaala’iinsa gatii ta’uu himaniiru.

Ayyaana jijjiirraa bara haaraa sababeeffachuun baatii Fulbaanaa ayyaanonni waan heddummaataniif shamattootarratti daballiin gatii hinmalle akka hintaasifamne biirolee daldalaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Gabaa Sanbataa fi Dilbataatiin oomishaalee qonnaa, indaastirii, kuduraa fi muduraan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiraachuu dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ittaanaan Hoji Gaggeessaa Oppireeshinii Koorporeeshiniin Hojiilee Daldalaa Ityoophiyaa Qatsalaa Shawaraggaa gama isaaniin, koorporeeshinichi ayyaanichaaf zayita nyaataa liitiraa miiliyoona 11 naannolee fi Bulchiina Magaalaa Finfinneef dhiyaachuu himaniiru.

Karaa Dhaabbata Dhiyeessaa Galteewwan Indaastirii ammoo zayiitni liitirri miiliyoona 16 dhiyaateera jedhan.

Ayyaana sababeeffachuun daldaltoota daballii gatii sababa hinqabnee taasisan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa kan fudhatamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.