Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeesuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufu-Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Naannoo Harariitti oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuun qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojiileen jajjabeessoon hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badriin dubbatan.

Naannichatti damee qonnaaf xiyyeeffannaa kennuu fi deeggarsa taasisuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu ibsan.

Haaluma kanaan dhiyeessii xaa’oo, mootara bishaanii fi sharaa bilisaan qooduun akkasumaas gandoota baadiyyaatti pirojektoota hidha jallisii ijaaruun oomishtummaa qonnaan bultootaa cimsuuf deeggarsi taasifamaa jiraachuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Qonnaan bultoonni oomisha isaanii kallattiin hawaasaaf akka dhiyeessan taasisuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuurra darbee rakkoo qaala’iinsa jireenyaa hawaasa magaalaa tasgabbeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee gaggeeffamaniin, qaala’iinsa gatii duraan tureen yoo walbira madaalamu fooyya’iinsi mul’achuus kaasaniiru.

Sagantaa Maaddii Guutuun hojiileen abdii qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuu eeruun, keessumaa oomishaa aannanii, lukkuu, killee fi dammaan bu’aa olaanaan galmaa’uu dubbatan.

Fuuldurattis deeggarsa qonnaan bultootaaf taasifaman cimsuuf, hojiilee Maaddii Guutuu daran cimsuu, oomishtummaa guddisuu fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf kutannoon kan hojjetamuu ta’uu akeekuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.