Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatiin dhiibbaa uumamuu malu tasgabbeessuf hojjettoota mootummaaf miindaa dabaluuf yaadameera-BBI

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)- Fooyyessi sirna bulchiinsa sharafa alaa taasifame milkeessuuf qophiin duraa bal’aan taasifamuu Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Qophii duraa taasifamaniin lammiilee galii gadaanaa argatanirra dhiibbaa ga’uu malu salphisuuf mootummaan gatii shaqaxootaa bu’uuraa alarraa galan yeroof deeggarsa taasisuuf murteessuun eerameera.

Gama kanaan kanneen akka boba’aa, xaa’oo, qorichaa, zayiita nyaataa fi kanneen biroon shaqaxoota bu’uuraa afur alarraa galan dhiibbaan gatii yeroo tokkichatti shamattootaaf akka hindabarre murteesseera.

Waggoota dhiyoo as sababa qaala’iinsa gatiitiin galiin isaanii kan hir’ataa dhufeef deeggarsi maallaqaa ni taasifama jedhameera.

Qaal’aiinsa gatiin dhiibbaa ga’ee fi ga’uu malu tasgabbeessuuf, madda maallaqaa jiru fayyadamuu fi hanqina baajata mootummaa haala hinhammeessineen, hojjettoota mootummaaf miindaan deeggarsa qaala’iinsa jireenyaa taasisuuf akka yaadame eerameera.

Akkasumas magaalaattis ta’e baadiyyaatti maatii galii gadaanaa argataniif deeggarsi seeftineetii sadarkaa olaanaan akka taasifamu ibsameera.

Raawwii tarkaanfiiwwan kanneenii gama Ministeera Maallaqaan kan ifoomaan ta’uu beeksiseera.

Mootummaan baasii hawaasummaaf deeggarsa taasisuu fi kaffaltii idaa alaaf kan oolu baasii Birrii olaanaa fi baasiiwwan biroo haala hinjeeqneen ta’uu mirkaneesuuf kan tumsu deeggarsi salphisa idaa alaa argameera.

Deeggarsi akkanaa dursee argamuun mootummaan baasiiwwan hawaasummaa fi hiyyummaarratti xiyyeeffatanirraa kan oolan ramaddii qabeenyaa akka hingufachiifnee fi waggoota ittaanaan cimee akka itti fufu gargaara jedhameera.

Tarkaanfiiwwan furmaataa eeraman maddiitti, ce’umsa gara sirna bulchiinsa sharafa alaa haaraatti taasifamu saffsiisuu fi imammata fiiskaalaa fi maallaqaa gidduu qindoominni jiraachuu mirkaneessuuuf walta’iinsi Baankii Biyyaalessaa fi Ministeera Maallaqaa cimee kan itti fufu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.