Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii tasagabbeessuuf fooyya’iinsi imammata maallaqaa taasifamuufi

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Qaala’iinsa gatii tasagabbeessuuf kan dandeessisu fooyya’iinsa imammata maallaqaa taasisuuf murteeffamuu Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa beeksise.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiretuun dhimmicha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Fooyya’iinsichi yeroo dhiyoo as qaala’iinsa gatii dabalaa dhufe to’achuuf Boordiin Daayrektarootaa Baankii Biyyaalessaa murtoo dabarseen kan taasifamu ta’uu Obbo Maammoon ibsaniiru.

Murteewwan kennaman keessaas mootummaaf liqiin kallattiin kennamu bara darbe kan kenname harka 1/3ffaa akka hincaalle taasisa jedhan.

Bara 2016 dhuma baatii Adoolessaatti guddinni liqii biyya keessaa %14 tti akka daanga’u dubbataniiru.

Baankonni hanqinni maallaqaa wayita mudatuun liqii Baankii Biyyaalessaarraa fudhataniif ‘faasilitii’ irratti dhala kaffalan %16 irraa gara %18tti guddachuu ibsaniiru.

Alergitoonni daldala alaarratti bobba’an dirqamni sharafa alaa daddabarsuu 70/30 ture gara 50/50tti akka fooyya’u ibsichaan eeraniiru.

Alergitoonni sharafichaas %50 Baankii Biyyaalessaaf akka galchan, %10 baankii waliin hojjetaniif akka galchan, %40 ammoo ofii isaanii akka fayyadaman murtaa’uu himaniiru.

Qaala’iinsa gati gama to’achuutiin bara 2016 gara xumuraatti qaala’iinsichi %20 gadi akka ta’uuf, 2017 ammoo %10 gadi taasisuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo Maammoon eeraniiru.

Hawaasni murtocha deeggaruun qaala’iinsa gatii to’achuuf tarkaanfiiwwan fudhataman akka tumsan waamicha dhiyeessniiru.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.