Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa diinagdee jijjiirama addunyaan qoramaa jiru dandamachuuf aadaan hojii fi dorgommii gabbachuu qaba- Hayyoota

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa diinagdee jijjiirama addunyaan qoramaa jiru dandamachuuf aadaan hojii fi dorgommii gabbachuu akka qabu hayyoonni ibsan.

Waltajjiin marii waajjira Muummee Ministiraan qophaa’u “Addis Wag” mata duree “Oomishtummaa Biyyalessaa” jedhuun gaggeeffameera.

Proofeesar Daani’eel Qixawuu fi Dooktar Taammiraat Hayilee yaada ka’umsa marii dhiyeessaniiru.

Jijjiirama addunyaa hordofee diinagdeen biyyootaa haalaan qoramaa jiraachuu Proofeesar Daani’eel waltajjichaan kaasaniiru.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen akka fakkeenyaatti kan ka’u ta’uu ibsuun, waraanni biyyoota lameenii gabaa addunyaa fi sochii diinagdee waliigalaarratti dhiibbaa uumuu eeraniiru.

Biyyoonni hedduun rakkicha keessa darbuuf filannoowwan garaagaraa fayyadamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ityoophiyaanis rakkoo kana qooddachuu eeruun, filannoowwan furmaataa garaagaraa hordofuun dhiibbaa kana jalaa ba’uuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiibbaawwan idil addunyaa waaraan dandamachuuf oomishtummaa biyyaalessaa fooyyessuurratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Dooktar Taammiraat Hayileen gamasaaniin, waggoottan 100 darbanitti jijjiiramni addunyaarratti uumame biyyoonni oomishtummaaf xiyyeeffannoo addaa akka kennan taasisuu eeraniiru.

Muuxannoon biyyoota diinagdee cimaa ijaaranii oomishtummaa fooyyessuun ga’ee mootummaa qofa akka hin taanee fi dhimma lammiilee hundaa ta’ee hojjetamuu dubbataniiru.

Muuxannoo kanarraa ka’uun Ityoophiyaanonni aadaa hojii oomishtummaarratti xiyyeeffatu gabbisuu qabu jedhan.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.