Fana: At a Speed of Life!

Putiin Kooriyaa Kaabaa akka daawwataniif afeerraa Kiin Jongi Uun simatan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Rashiyaa Vilaadmiir Putiin Kooriyaa Kaabaa akka daawwataniif afeerraa Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun taasisaniif simataniiru.

Raashiyaattii daawwannaa hojii kan taasisan Kiim waggoota afur booda yeroo jalqabaaf Vilaadmiir Putiin waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis biyyoonni lameen dameewwan loltummaa garaagaraarratti walta’iinsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessianirratti kan xiyyeeffate ta’uun himameera.

Pireezidaanti Putiin, Mooskoon deeggarsa teeknooloojiiwwan saatilaayitii fi kanneen biroo Piyoongiyaangiif arjoomuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Kooriyaan Kaabaa ammoo Raashiyaan Yuukireen waliin waraana keessa seenteef meeshaalee waraanaa dhiyeesuu akka dandeessu Aljaziiraan gabaaseera.

Marii walta’iinsaa dureewwan biyyoota lameenii kanas Ameerikaa fi michoota ishee daran akka yaaddesseen gabaasichi akeekeera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, dhimmicha ilaalchisuun yaada kenneen, haalichi Ameerikaa fi michoota isheef akka bilbila akeekkachiisaati jedheera.

Gama biraatii, Vilaadmiir Putiin Kooriyaa Kaabaa akka daawwataniif afeerraa Kiim dhiyeessaniif gammachuun simachuun eerameera.

Putiin, carrichi hariiroo seena qabeessaa ummata Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa caalmaan cimsuu akka dandeessisu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.