Fana: At a Speed of Life!

Putiin dhaabbileen daldalaa Ruusiyaa biyyoota miseensa ‘’BRICS’’ waliin akka tumsan hubachiisan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017(FMC) – Pirezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Putiin dhaabbileen daldalaa biyya isaanii biyyoota miseensa ‘BRICS’ waliin akka tumsan hubachiisan.

Pirezidaantichi yaa’ii Kongireesii Industirii fi Hoji-uumtootaa Ruusiyaa irratti dubbii dubbataniin, dhaabbileen kunneen sochii daldalaa biyyoota miseensa ‘BRICS’ keessatti dammaqinaan akka hirmaatan abdii qaban ibsaniiru.

Galiin waliigalaa kan waggaa biyyoota BRICS bara 2024 % 4.9’n guddachuu eeranii, waggoota 10’n dhufanitti guddinni kutaalee addunyaa adda addaa keessa jiraatu amansiisaa akka ta’us eeraniiru.

Ruusiyaan biyyoota BRICS waliin humnaan, industiriin, faayinaansii fi dameelee walfakkaatoo keessatti tumsi qabdu guddachaa dhufuu dubbachuu isaanii Itiyoophiyaatti Embaasii Ruusiyaa irraa odeeffannoon argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.