Fana: At a Speed of Life!

Proojektoonni fayyaa buleeyyiin 145 xumuraman – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) –Kilaasterri hawaasummaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa hordoffii fi deeggarsa addaa taasiseen proojektoonni fayyaa buleeyyiin 145 xumuramuu ibsame.

Qindeessaan Kilaastera hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, proojektoonni fayyaa sababa rakkoo bulchiinsa gaariin bara 2007 eegalanii harkafchaa turan 145 deeggarsaa fi hordoffii addaa hoggansi mootummaa sadarkaan jiru taasiseen hanga Onkoloolessa 30, 2013tti xumuramuu himaniiru.

Proojektoota buleeyyii xumuraman kanneen keessaa 22 sadarkaa naannootti Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiin ijaaramaa kan turanii fi Hospitaala waliigalaa 1, Hospitaala jalqabaa 9, ol guddisuu buufataalee fayyaa 9 fi gamoo man-kuusaa tokko akka ta’e ibsaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun, proojektoonni 123 sadarkaa godinaaleetti ijaaramaa turanii fi giddugala baqaqsanii yaaluu buufataalee fayyaa 21 keessatti, giddugala ciibsanii yaaluu buufataalee fayyaa 40 keessatti, ijaarsa keellaa fayyaa dhaloota lammaaffaa 5, ijaarsa manneen jireenyaa hojjettoota fayyaa 30, kiliniikota gara buufata fayyaatti ol guddisuu 3, bishaan buufataalee fayyaaf galchuu 17, ijaarsa buufata fayyaa 6 fi ijaarsa waajjira fayyaa 1 kan hamate ta’uu dabalanii eeraniiru.

Ammas taanaan mootummaan naannoo Oromiyaa proojektoota fedhii fi gaaffii ummataa deebisuu keessatti  qooda olaanaa qaban xiyyeeffannoon kan raawwachiisu ta’uus Fuula Feesbuukii isaanii beeksisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.