Fana: At a Speed of Life!

Proojektiiwwan fayyadamummaa qonnaan bultoota naannolee Oromiyaa fi Hararii guddisuu danda’an irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Proojektiiwwan fayyadamummaa qonnaan bultoota naannolee Oromiyaa fi Hararii guddisuu danda’an haala hojiirra oolchuun danda’amurratti irratti mariin gaggeeffame.

Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badriin jila Ministira Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu waliin mari’atan.

Mariisaaniin dhimmoota fayyadamummaa qonnaan bultootaa dabaluu danda’an irratti mari’achuu ibsameera.

Proojektiiwwan fayyadamummaa qonnaan bultoota naannolee Oromiyaa fi Hararii guddisuu danda’an haala hojiirra oolchuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Proojektiiwwan hojiirra oluuf karoorfaman kunneen proojektiiwwan hidhaa fi bishaan dhugaatii aanaa Eeraritti ijaaramu ta’uu himameera.

Kana malees haala oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Gama sagantaa Feer Pilaaneet  kan mootummaa Israa’eeliin deeggaramuun  sanyii filatamaan qonnaan bultootaaf kan dhiyaatu ta’uu eerameera.

Maricharratti Preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii fi Ministira Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad dabalatee Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Israa’eel Allaliny Admaasuu, hojjettoonni olaanoon mootummaa naannichaa fi  federaalaa, hoggantoonni Yuunvarsiitii Haramayaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamuu ibsameera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.