Proojektiin waggoota 8f harkifataa ture baatii shan keessatti % 70 irra ga’e
Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad adeemsa ijaarsa Proojektii Hidha Maggacaa daawwataniiru.
Dooktar Abiy dhiyeenya magaalaa Goondaritti kan argamu ijaarsa proojektii hidha Maggacaa daawwataniiru.
Ijaarsi Proojektichaa waggoota 8f harkifataa ture baatii shan keessatti % 70 Dooktar Abiy ibsaniiru.
Dooktar Abiy Proojektichi sadarkaa kanarra ga’uu isaa gammachuu itti dhaga’ame fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Daawwannicharratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkonnii fi Giiftii Dureen Zinnaash Taayyaachoon argamaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.