Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin qarqaraa laga Aweetuu hojiin fiizikaalaasaa xumuramee hojiin midhagsuu si’ataa jira jedhame

Finfinnee, Wxabajjii 1, 2013 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti hojiin proojektii qarqaraa laga Aweetuu baasii Birrii miiliyoona 60n hojjetamaa ture hojiin fiizikaalaasaa xumuramee hojiin midhagsuu si’ataa jira jedhameera.

Proojaktichi Muddee bara 2013 kan jalqabe yoo ta’u, waggaa tokkotti xumurama jedhamee ture.

Haata’u malee hojiicha arifachiisuun baatiiwwan 5 keessatti hojiin fiizikaalaa xumuramee, hojiin midhagsuu eegaluusaa hoji geggeessaan mana qopheessaa magaalaa Jimmaa Injinar Kadir Hasan Faanaa Broodkaasting korpooreetitti himaniiru.

Proojaktichi walumaa gala kiloo meetira 1 kan dheeratu yoo ta’u, hojiin miidhagsuu xumurammee Waxabajjii 5, 2013 akka eebbifamu hoji geggeessachi himaniiru.

Lagni Aweetuu duran guutee hawaasa naannoorrati miidhaa geessisaa ture kan jedhan hojii geggeessachi, amma garu proojaktichi rakkoo kana hiikuurra darbee magaalattii fi midhagina akka ta’uuf dargaggootaaf carraa hojii akka uumu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.