Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin Paarkiingii Addabaabayii Masqalaa % 90 xummurame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC) – Baasii birrii biiliyoona 2 oliin ijaarramaa kan jiru Proojektiin Paarkiingii Addabaabayii Masqalaa % 90 xummuramuu ibsame.

Hojjettootaa fi qooda fudhattoota ijaarsa isaarratti hirmaataniif sagantaan galateeffannaa gaggeeffameera.

Baatii 8 dura ijaarsi isaa kan eegalamee proojektiin kun % 90 xummuramuu ibsameera.

Ijaarsa isaa waggaa 1 keessatti xummuramuun tajaajilaaf banaa ni ta’a jedhame.

Proojektichi konkolaattoota kuma 1 fi 400 tursiisuu kan danda’uu fi suuqoota 24, iddoolee oolmaa Ispoortii fi tajaajila biroo kan hammate ta’uu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa hojjettootaa fi qooda fudhattoota ijaarsa isaarratti hirmaataniif sagantaan affeerraa Dhiyanaa qopheessuun galateeffateera.

Proojektoonni gurguddoon magaalicha keessatti ijaarramaa jiran haala gaariin raawwatamaa jiraachuu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebeen ibsaniiru.

Saganticharratti aadde Adaanachii fi itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alam dabalatee hoggantoonni olaanoon magaalichaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.