Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin misooma Jallisii Qulumsaa eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Giddugalli Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Birrii Miiliyoona 50n kan ijaarsiise Proojektiin misooma Jallisii eebbifameera.
Proojektiin kun Bishaan meetiir kiyuubii kuma dhibba1 fi kuma 10 kuusuu danda’a jedhame.
Lafa heektaara 71 misoomsuu akka danda’us himameera.
Proojektichi har’a bakka Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umaar Huseen argamanitti eebbifameera.
Maallaqa deeggarsa dhaabbata ‘AGP’ irraa argameen ijaarrauu himameera.
Waggaatti yeroo lamaaf qorannoo fi qoo’annoo sanyii baay’isaa gaggeesuuf kan dandeessisu ta’uu Daayreektarri Giddugalichaa Dooktar Tolasaa Alamuu dubbataniiru.
Giddugalichi Waktii Bonaas qorannoo fi qoo’annoon akka gaggeeffamuuf ni gargaara jedhan.
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen giddugalicha qorannoo fi qoo’annoo haaraa bu’aa qabeessa ta’an gaggeessuun adda duree ta’uu ibsaniiru.
Hojiin giddugalichaa qonnaan bultoota fayyadamoo taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Gaashaw Araggaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.