Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin madda anniisaa hurkaa Aluutoo Laangaanoo yaalii oomishaa eegale

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) –Proojektiin madda anniisaa hurkaa Aluutoo Laangaanoo yaalii oomishaa eegaluu ibsame.

Proojektichi boolla madda anniisaa afur qotamu keessaa tokko xumuruun yaalii oomishaa ifatti eegaluu hojii gaggeessaan proojektichaa obbo Masaay Fiqaaduu beeksisaniiru.

Hojiin qotiisa boolla 5ffaa meetira 700 irra gahuu kaasaniiru.

Boolla tokko qotuuf giddugaleessaan hanga guyyoota 75 kan fudhatu ta’uu fi yaaliin oomisha boolla lammaffaan torban lama booda kan eegalu ta’uu himaniiru.

Proojektichi humna elektirikaa meeggaa waattii 70 akka maddisiisuu danda’utti yaadamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Humna Elektirikaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.