Proojektiin humna Elektirikii naannoo Maqaleetti Birrii miiliyoona dhibba 4 oliin ijaarrame tajaajila laachuu eegale
Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) -Proojektiin humna Elektirikii naannoo Maqaleetti Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 5 oliin ijaarrame Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naanno Tigraay Dooktar Abrahaam Balaay eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.
Proojektichi abbaa warraa kuma 25 fayyadamoo taasiisa jedhame.
Hojiin bu’uuraalee misoomaa sababa duula olaantummaa seeraan barbada’aan sophuu fi haaraa hojjechuu raawwatamaa jiraachuu Dooktar Abrahaam ibsaniiru.
Proojektiin har’a eebbifame kun jirattoota gandoota 7 fayyaddamoo kan taasiisu ta’uu fi wayita hojiileen hafan xummuraman jiraattoota gandoota 19 fayyadamoota taasiisa jedhan.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.