Fana: At a Speed of Life!

Proojaktiin magaaloota baadiyyaa 25 madda anniisaa aduu fayyadamoo kan taasisu ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC)- Bu’uura sagantaa elektirifikeeshinii biyyaalessaan madda anniisaa olaanaa irraa kan fagaaatan gandootaa fi magaalota baadiyyaa 25 proojaktiin madda anniisaa aduu fayyadamoo elektirikii ni taasisa jedhame.
Proojaktichi Baankii Misooma Afrikaa irraa kan argame Doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 fi Mootummaa Ityoophiyaan Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 61 kan uwwifamu ta’uu ibsameera.
Proojaktichi baatii 6 keessatti kan xumuramu yoo tahu, ijaarsi isaa dhaabbilee Chaayinaa 3 fi Kooriyaa 1n kan raawwatamu ta’a.
Proojaktiin kun waliigalaan dandeetti maddisiisuu meegaa waati 8 kan qabudha.
Bakka Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Shilashii Baqqalaa fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Ektirikii Ityoophiyaa obbo Shifarraw Taliilaa argamanitti kontiraaktaroota hojii waliin mallatteeffameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.