Fana: At a Speed of Life!

Proojaktiin maastar plaanii geejibaa qindaa’aa biyyoolessaa eegalame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Proojaktiin maastar plaanii geejibaa qindaa’aa biyyoolessaa eegalame.

Ministeerri Geejibaa proojaktichi eegalamuu beeksiseera.

Ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas proojaktichi yeroo qabameef keessatti qulqullinaan akka hojjetamu qooda fudhattoonni marti tumsa akka taasisan gaafataniiru.

Haala qabatamaa idil addunyaa fi biyyaa ilaalcha keessa galchuudhan hojicha galmaan ga’uuf hojimaanni diriiruu ibsaniiru.

Proojaktichi deeggarsa maallaqaa Baankii Misoomaa Afrikaarraa argamee fi dhaabbata gorsaa idil addunyaa SPT waliin hojjetama.

Proojaktichi geejiba biyyattii ammayyeessuun waggoota 20 kan tajaajilu ta’a.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.