Fana: At a Speed of Life!

Proojaktiin bishaan dhugaatii magaalaa Gimbii ebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Godina Wallagga Lixaatti proojaktiin bishaan dhugaatii magaalaa Gimbii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 hojjetame ebbifame.
 
Ijaarsi proojaktii bishaan dhugaatii magaalaa Gimbii bara 2002 kan eegalame yoo ta’u, har’a ifatti ebbifamuun tajaajila laachuu eegaleera.
 
Proojaktichi Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 kan hojjetame yoo ta’u, jiraattota magaalichaa 86,248 ta’aniif tajaajila ni laata jedhameera.
 
Proojakticha kana ebbisan itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaati.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.