Fana: At a Speed of Life!

Proojaktii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaa irratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2012 (FBC) – Proojaktiin Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaa, gaaffii siyaas-diinagde, hawaasummaa, aadaa eenyummaa saba Oromoo Tuulamaa deebisuuf qophaa’e irratti mari’atamaa jira.

 

Marii kanarratti Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Hayiluu, ummanni Oromoo Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessa jiraatu dhiibbaa irra gahaa tureen, rakkoo bulchiinsa gaarii kuufamaa qabaachuu isaa eeruun rakkoo ummata godinichaa furuuf proojaktiin qindaa’aan kun qophaa’uu himan.

 

Proojaktichis qorannaa saayinsawaa irratti hundaa’uun qophaa’e ta’uu dubbataniiru.

 

Proojaktiin qindaa’e proojaktoota ijaarsa galma aadaa Tulamaa, gidduugala gabaa, manneen barnootaa bultii addaa, dhaabbilee fayyaa fi proojaktoota biroo of kessaa qabuudha jedhameera.

 

Qaama proojaktii kanaa kan ta’e qonnaan bultoota adda duree kuma 5 fi 80 gara magaalaatti galchuutiis keessatti ni argama.

 

Proojaktoota kanaaf Birriin biiliyoona 3.2 akka barbaachisu fi maddi galii isaatiis magaloota, albuuda godinichaa keessatti argamu, abbootii qabeenyaa fi hirmaannaa qaamoolee hawaasaa garagaraa akka ta’u ibsameera.

 

Akka gabaasa Oromiyaa Broodkaasting Neetwoorkitti Sagantaa marii kanarratti hayyoonni,kantiiboonni magaaloota godina addaa,hoggansi godina addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, abbotii qabeenyaa fi qaamooleen hawaasaa garaa garaa hirmaachaa jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.