Fana: At a Speed of Life!

Proofeesar Birihaanuun Ambaasaaddara Raashiyaa waliin damee barnootaan haala hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) –Ministirri Minsteera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan Ambaasaaddara Raashiyaa Iivgeet Tarkiin waliin gama damee barnootaan haala hariiroo Etyoo- Raashiyaa cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin damee saayinsii fi barnootaan tumsaa fi uwwisa seeraa haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Karoorawwan fooyya’iinsa damee barnootaa ilaalchisee Proofeesar Birihaanuun Ambaasaaddarichaaf ibsa laataniiru.

Dhimmoota faayidaa uummata biyyoota lameenii irratti waliin hojjechuun cimee akka itti fufu waliigaluu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Raashiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.