Fana: At a Speed of Life!

Projaktootni haaraa 45 fi buleeyyii 5 maallaqa Birrii miiliyoona 80.47 xumuramani bulchiinsi magaalaa Moojoo eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) –  Projaktootni haaraa 45 fi buleeyyii 5 maallaqa Birrii miiliyoona 80.47 xumuramani bulchiinsi magaalaa Moojoo eebbisise.

 

Projaktootni kunni haaraa fi buleeyyii walii gala 50 ta’an xumuramuun tajaajilaaf ifa ta’ee jira.

 

Sirna eebba projaktii kana irratti Sadarkaa Itti  Aanaa Preezdaantii fi hogganaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa fi Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde  Loomi Badhoo argamuun projaktoota bishaan boollaa abbaa dheerina 400, iddoo magarisummaa magaalaa, taapellaa seensaafi ba’insa magaalaa, daree dabalaa hospitaalaa, mana kuusaa eegumsa fayyaa magaalaa Moojoo eebbisuuni jiru.

 

Bu’uuraalee misoomaatiin milkaa’ina gama hundaan itti fufsiisuuf hojiiwaan bal’aan hojjetamaniiru.

 

Kutannoon jiraannan waanti hin danda’amne hin jiru jechuun hoggansa magaalaa keenyaa waliin xiiqiin hojjennee milkoofneera.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksisetti, Hoggansi jijjiramaa gubbaa hangaa gaditti wal hubannaan hojjechuun ammoo bu’aa milkaa’ina keenya jechuunis kantiibaan Magaalaa Moojoo aadde Masarat Asaffaa xumura eebbaa irratti ibsanii jiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.