Fana: At a Speed of Life!

Projaktiin ijaarsa daandii Dichootoo – Balhoo Birrii biiliyoona 2.4 ijaarame xumurame

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) – Projaktiin ijaarsa daandii Dichootoo – Balhoo Birrii biiliyoona 2.4 ijaarame xumurame.

Mootummaa Ityoophiyaan naannoo Affaaritti Projaktiin ijaarsa daandii Dichootoo – Balhoo kiiloo meetra 78 Birrii biiliyoona 2.4 ijaarame xumuramuu Abbaan Tayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa beeksise.

Daandichi sadarkaa konkirii simintoon kan hojjetame buufata haaraa Taajuuraa fayyadamuu caalatti buufata Jibuutii duraan ture rakkoo tiraafika ni hir’isa jedhame.

Daandichi suphaa gadi aanaan hanga waggaa 40 tajaajila laachuu danda’a.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.