Fana: At a Speed of Life!

Preezidaantiin MNO obbo Shimallis gabaasa raawwii hojii bara 2012 Caffeef dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwii hojii bara 2012 qaama Raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Caffeef dhiyeessanii jiru.
 
Gabaasa dhiyaate keessaa gama diinagdeetiin hojjetaman ilaalchisee akka dhiyeessanitti, Karoora KGT 2ffaa bara kana xumurameen raawwii gaarii galmaa’een fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun danda’ameera. Imaammattootaafi tasiimoowwan misoomaa, ijaarsa sirnaa dimokraasii fi bulchiinsa gaarii mootummaan bocee hojiirra oolcheen ummanni naannichaa fayyadamaa ta’aa jira.
 
Qonni annisaa dinagdee murteessaa biyyaafi naannoo keenyaati. Kanaafuu, mootummaan bara kana qorannoo gaggeesseen hanqinaalee oomishaafi oomishtummaa qonnaarratti jiran adda baasuudhaan, tarkaanfiiwwan addaa kan akka misooma jallisii, makanayizeeshinii qonnaa, komershalazeshini qonnaa, galteewwan qonnaa, sirna faayinaansii baadiyyaa, misooma qabeenya uumamaa, misooma beeyladaa, sirna kenna tajaajila ekisteenshinii qonnaafi haala caasseffama mana hojii irraatti xiyyeeffachuun hojiin bal’aan hojjetamaa tureera.
 
Bara kana yeroo kamiyyuu caalaa piroojektonnii jallisii buleeyyiin 210 lafa heektaraa kuma 120 misoomsuu danda’an qindoomina mootommaa naannoo fi feederalaatiin Birrii biiliyoona15 ta’uun ijaaramaa jiru. Baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin hojiin bishaan cimmisuu waldaalee ittifayyadamtoota bishaan jallisiif paampiiwwan 2,160 dhiyeessuun hojii misooma jallisii bara kanaa milkeessuun danda’amee jira. Marsaa 1ffaan lafa jallisii hektaara kuma 389.6 misoomsuuf karoorfamee, hektaarri kuma 581.6 (%100 oli) midhaan gosa adda addaan facaafame irraa omishni kuntaala miiliyoona 82.9 kan sassaabamee fi jallisii marsaa 2ffaan lafti hektaara kuma 259.4 (%100 oli) misoomee hanga ammaatti oomishni kuntaala miliyoona 37.9 sassaabamee jira.
 
Sagantaa ashaaraa magariisaan bara 2011 keessatti biqiltuu dhaabbate kunuunsaa fi eegumsa cimaa taasifameen %84 ol kan qabate yommuu ta’u, bara kanaafis qophii bal’aa taasifamaa tureen biqiltuuwwan biliyoona 3.5 qopheessuuf karoorfamee biiliyoona 3.4 (%97.1) ta’u qophaa’ee lafti hektara kuma 665.5 adda bahee irratti hojii hanga ammaa hojjetameen biqiltuun biiliyoona 1.8 kan dhaabbame yoo ta’u; kan hafees ittifufinsaan kan hojjetamu ta’a.
 
Gama birootiin, rakkoo faayinaansii baadiyyaa fi hawaasa harka qalleeyyi magaalaa hiikuuf hojii gama waldaaleetiin hojjetamaa tureen, qusannaa Birrii biliyoona 1.4 taasisuuf karoorfamee, biliyoona 1.2 (%86) qusachuun kan danda’ame yommuu ta’u, liqii Birrii biliyoona 1.5 kennuuf karoorfamee, fayyadamtoota kuma 414 oliif Birrii biiliyoona 2.09 (%139) liqeessuun danda’ameera.
 
Fayyadamummaa oomishtoota bunaa sadarkaa barbaadamuun guddisuu fi hanqinoota gama gatii gabaa bunaatiin turan bu’uura irraa hiikuuf tarkaanfii mootummaan fudhatee socho’aa tureen, abbootii qabeenyaafi waldaalee hojii gamtaa hojii daldala bunaa irratti bobba’an bifa adda ta’een deeggaruun walitti hidhaminsa gabaa uumuuf hojii hojjetameen gatii gabaa bunaa irratti jijjiirama jajjabeessaa fiduun danda’ameera.
 
Akkasumas, xiyyeffannaa gabaa jimaatiif kennameen sirni gabaa jimaa mija’aa ta’ee fi al-ergii jimaa irraa qonnaan bulaan adda durummaan fayyadamaa akka ta’aniif, wixineen dambii sirna gabaa jimaa kan qophaa’ee fi gidduugalli gabaa jimaa magaalota Awwadaayi fi Baddeessaa caalbaasin xumuramee waliigalteen kan mallattaa’eefi kan maagaala Finfinnee hojiin dizzaayinii xumuramee kan jirudha. Babal’ina industrii fi sochiiwwan misooma dhiibbaa faalama naannoo qaban xiqqeessuuf hojiin to’annaa fi hordoffii warshaalee gaggeeffameen, dhaabbileen oomishaa fi piroojeektoota misoomaa bara 2011tti sakatta’insa dhiibbaa naannoo qaban %10 turan, bara kanatti %71.6 irraan gahuun kan danda’ameera.
 
“Barri kun bara waan eegalle itti xumurru!” jennee akkuma murteessinetti, pirojeektota ijaarsi isaanii waggoottaniif harkifachaa turan pirojeektota buleeyyii 4,584 lammiilee miliyoona 13.8 fayyadamtoota taasisan, baasii Birrii biliyoona 14.1 olitti tilmaamamuun xumuruun tajaajilaa ooleraa. piroojektoota bishaan dhugaatii ijaarsa irra turan xumursiisuun uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu bara 2011tti %66.1 irraa bara 2012tti %71.2tti guddisuun kan danda’ame yammuu ta’u, hawaasni naannichaa miliyoona 2.3 ta’u fayyadamaa ta’aniiru.
 
Sagantaa waliin gahiinsa humna elektirika Oromiyaatiin mandaroota ibsaa akka argatan karoorfame 345 keessaa mandaroonni 121 ibsaa akka argatan taasifamee, waliin gahinsa humna elektirikii %31.5 irraa gara 33.1tti guddatee jira. Omisha albuuda sookoo bara darbe kg 22 ture bara kana kg 337 (%67) baanki biyyoolessaaf dhiheessuun danda’ameera.
 
Bara kana baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin piroojektootni daandii asfaaltii magaalotaa km 5.5, daandiin baadiyyaa haaraa km 208.5 fi sagantaa waliin gahinsaa daandii baadiyyaatiin daandiileen km 1,863 hojii cirracha uwwisuun qabeenya daandii naannichaa bara 2011tti km kuma 53.6 irra ture gara km kuma 55.6tti guddisuun kan danda’ame yommuu ta’u, sarara daandii km kuma 5.9 (%99.6) suphamee jira. Akkasumas, riqaalee 266 keessaa riqaalee 70 xumuruun tajaajilaaf ooleera.
 
Gama babal’ina invastamantiitiin pirojeektoota invastimeentii 2,743 kaappitaala Birrii biliyoona 57.3 galmeessisan kan simataman yommuu ta’u, abbootii qabeenyaa kanaan dura lafa fudhatanii sadarkaa adda addaa irratti argamaniif deeggarsaa fi hordoffii taasisuun, pirojektoonni invastimanti 624 gara omishaatti akka galaniifi pirojektoota akkaataa waliigalteetiin hojiitti hin galle 46 waliigaltee isaanii addaan kutuun lafti hekt. kuma 24.5 irraa fuudhamee jira.
 
Rakkoo hojii dhabdummaa hojii ijoo godhachuun lammilee keenya mil.1.1 fayyadamaa gochuuf karoorfameen carraa hojii dhaabbii kuma 759fi carraa hojii yeroo kuma 347.1waliiglaan carraa hojii miliyoona 1.1 (%100) uumuun danda’ameera. Intarpiaayizoota omisha qulqulluu fi gahumsa qabu oomishuun dorgomaa taasisuuf, hanqinaalee ogummaa qaban adda baasuun tajaajila ekstenshinii industirii kuma 46.1 (%83) kan kenname yommuu ta’u, itti fayyadama tekinooloojii fooyyeessuuf hojii hojjetamaa tureen, 966 intapiraayiizootaaf ceesisuun danda’amee jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.