Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantonni naannolee fi Ministiroonni magaalaa Baahir Daar galan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Preezdaantonni naannolee fi Ministiroonni magaalaa Baahir Daar galaniiru.

Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar dabalatee Preezdaantonni naannolee, Ministiroonnii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon sagantaa beekamtii kennuu qaamolee nageenyaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi duula birmadummaa irratti hirmaataniif taasifamurratti hirmaachuuf magaalaa Baahir Daar galaniiru.

Ittaanaan Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachaw Jambarii fi hoggantoonni olaanoon naannichaa Preezdaantonnii fi Ministroonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa Balaay Zallaqaa ga’an simannaa taasisaniifiiru.

Qopheessummaa mootummaa naannoo Amaaraatiin qaamolee olaantummaa seeraa kabachiisuu irratti hirmaataniif sagantaan beekkamtii kennuu guyyaa kaleessaa eegaluun isaa ni yaadatama.

Sagantichaan guyyaa har’aa  qaamolee nageenyaa raawwii hojii gaarii galmeessisaniif beekkamtiin kan kennamu ta’uu ibsameera.

Dhaabbilee garaagaraa, abbootii qabeenyaa, miidiyaalee fi gurmaa’insa biroo duulicharratti hirmaataniif beekkamtiin ni kennama jedhamee eegama.

Preezdaantonni naannolees duula Ityoophiyaa baraaruuf taasifamerratti ga’ee ba’ataniif beekkamtiin kan kennamuuf ta’uu AMKn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.