Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Piitar Maawuraa Ityoophiyaatti daawwanaa hojii taasisaa jiru

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Piitar Maawuraa Ityoophiyaatti daawwanaa hojiisaanii jalqabaa magaalaa Jigjigaa taasifataniiru.

Piitar Maawuraan itti aanaa preezdaantii mootumaa naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad waliin wal arguun namoota naannichatti sababa walitti bu’insa miidhamaaniif deeggarsa taasifameef ilaalchisee mari’ataniiru.

Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa waggoota kudha tokkoof naannoo Somaaleef deeggarsa taasifamu adda kuteera.

Haata’uutii, bu’uuruma gaaffii bulchiinsi naannichaa dhiyeessen bara Faranjootaa 2018 eegaluun deeggarsa taasisu irra deebiin eegaleera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.