Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Zaambiyaa duraanii Ruupiyaahi Baandaan boqotan

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Zaambiyaa duraanii Ruupiyaahi Baandaan du’aan addunyaa kanarraa boqochuu ibsame.

Ruupiyaahiin bara Faranjootaa 2008 hanga 2011 preezdaantii Zaambiyaa ta’uun biyyattii dursaniiru.

Filannoo biyyattiitti bara Faranjootaa 2011 gaggeeffameen morkataa isaanii Mikaa’eel Saataan injifatamuun kan yaadatamuudha.

Bu’aa filannnoo mormii tokko malee fudhachuu isaaniin dinqisiifannaa hedduu goonfatanii turan.

Bara aangorra turan yakka malaamaltummaan maqaan isaanii ka’aa kan ture yoo ta’uu, maallaqa hedduu balleessuun shakkamanii to’annoo seeraa jala ooluun isaanii ni yaadatama.

Ruupiyaahi Baandaan dhibee kaansarii Mar’imaanii isaan muudateen yaallamaa turuun umrii waggaa 85ffaa isaanitti lubbuun darbuu BBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.