Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Seenegaal vaayrasii koroonaatin walqabsisuun qophaatti adda of baasan

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Preezdaantiin Seenegaal Maakiikii Saal vaayrasii koroonaatin walqabsisuun qophaatti adda of baasaniiru.

Preezdaantichi qorannoo vaayrasii koroonaa taasifameefin vaayrasicharratti argamuu baatus of eeggannoof jecha torbee lamaaf adda of baasuun akka turan taasisaniiru.

Ogeessi seeraa Seenegaal Yaayyaa Diiyaloo guyyaa kaleessaa vaayrasii koroonaan qabamuu beeksiseera.

Ogeessichi namoonni qulqulliina dhuunfa ofii eeguurra darbee fageenya isaanii akka eeggatan waamicha dabarseera.

Seenegaalitti hanga ammaa namoonni kumni 6 fi 129 vaayrasichaan yoo qabaman, 93 kan ta’an ammoo lubbuun darbeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.