Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf galgala kana Finfinnee galaniiru.

Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan ijaarsa dandeettii sirna nyaataa, misooma qabeenya Humna namaa,Diinagdee fi misooma hawaasummaarratti Amajjii 28- 29, 2014 Finfinneetti ni gaggeeffama.

Rakkoolee siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaarratti furmaata ni kaa’aan eegama.

Jilli Preezdaant Seeneegaal Maakii Saaliin durfamu galgala kan Finfinnee ga’eera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’u Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi hoggantoota mootummaa olaanoo biroon simatameera.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.