Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Rippaablika Giddu Gala Afrikaa Muummee Ministiraa biyyattii aangorraa kaasan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Rippaablika Giddu Gala Afrikaa Muummee Ministiraa biyyattii Heenarii Maarii Doondiraan aangorraa kaasaniiru.
Deeggartoota Raashiyaa fi Faransaay jechuun waldhabdee biyyattii keessatti uumameen walqqabatee Muummeen Ministirichaa aangorraa ka’uu ibsameera.
Muummeen Ministiraa biyyattii Heenarii Maarii Doondiraan bara Faranjootaa 2021 kan muudaman yoo ta’uu, ejjennoo isaaniin Faransaayitti kan dhiyaatan ta’uu TRTn gabaaseera.
Preezdaantiin biyyattii Yaa’ii hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuun gara biyya isaanii erga deebi’anii booda Muummee Ministirichaarratti tarkaanfii kana fudhachuu himameera.
Waggoottaan arfan darbanitti dhiibbaan Raashiyaa Rippaablika Giddu Gala Afrikaarratti dabalaa dhufuu ibsameera.
Deeggarsa waraanaa Mooskoon mootummaan biyyattii iddoolee garee Finciltootaa harka ture hedduu bilisa baasuu eerameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.