Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Niijer Mahaammad Baazuumii fi Giddu Gala Ripabliika Afrikaa Proofeesar Agaang Toondaaraan Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Niijer Mahaammad Baazuumii fi Giddu Gala Ripabliika Afrikaa Proofeesar Agaang Toondaaraan yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Preezdaantoonni biyyoota lamaanii wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’a Ministira Ministeera Jallisii fi Misooma Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadii, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaannoo fi hoggantooma mootummaa biroon simatamaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.